Ijaarsi pirojektoota waggoota dheeraaf harkifachaa turanii saffisaa jiru- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Ijaarsi pirojektoota waggoota dheeraaf harkifachaa turanii saffisaa jiru jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii Magaci daawwataniiru.

Pirojektoota qabeenyi guddaan itti dhangala’ee ijaarsi isaanii harkifachaa turan saffisiisuun mallattoo mootummaa kanaa ta’uus ibsaniiru.

Pirojektoota eegalaman qofa osoo hin taane pirojektoonni kufanii turan mootummaa Badhaadhinaan kaafamanii ijaarsi isaanii saffisaa jiru jedhan.

Pirojekticha ariitiin xumuruun gaaffii bishaanii dhugaatii waggoota dheeraa Goondar deebisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment