Imala Itiyoophiyaa Diijitaalaa: Ijaarsa Dandeettii Irraa Gara Birmaddummaa Biyyaatti

Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) – Guddinni teknoolojii barichaa ariifataafi addaan hin cinne, bifa dorgommii dinagdee, hawaasummaafi hojii addunyaa haala olaanaan jijjiiraa jira.

Yaani odeffannoo fi faayinaansii sekoondii muraasa keessatti ardiiwwan qaxxaamuruun, hojiiwwan fagoodhaa geggeessuuf naannoo haaraa uumeera.

Kunis dirree dorgommii addunyaa wal qixxeessuun biyyoota dandeettii qabaniif carraa bal’aa kan bane yoo ta’u, Itiyoophiyaadhafis carraa guddaa fidee dhufeera.

Humna namaa Itiyoophiyaa gabaa addunyaa waliin walitti hidhuu keessatti gahee olaanaas taphateera.

Minisitirri Innooveeshiniifi Teknolojii Dooktar Bllaxa Mollaa, ijaarsi dinagdee diijitaalaa kan mirkanaa’u ijaarsa bu’uraalee misoomaa jabaa, teessuma intarneetiifi dandeettii diijitaalaa lammiitiin yoo dabalame ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Naannoon dandeettii malee ijaaramu garaagarummaa beekumsaa kan bal’isu waan ta’eef, misooma humna namaatiif dursa kennuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dhugaa kana hubachuun sagantaa ‘Kooderoota Miliyoona Shanii’ hojiirra oolchuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu dandeesseetti.

Kana ilaalchisees Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimed badhaadhini Itiyoophiyaa mirkanaa’uu kan danda’u, dargaggoota dandeettiifi ilaalcha boru faluu danda’an horachuun yoo danda’ame qofa ta’uu dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Har’a biyyoonni adeemsa misoomaa hunda irra deebi’uun osoo isaan hin barbaachisin, kallattiin gara sadarkaa olaanaatti ce’uuf carraa kan qaban waan ta’eef, Itiyoophiyaanis teknoolojiiwwan haaraa fedhii ishee waliin walsimsiisaa jirti.

Kanaan alatti, guddinni teknoolojii birmaddummaa biyyaa eegsisuu keessatti gaheen inni taphatu olaanaa yoo ta’u, addunyaa diijitaalaa keessatti daataan lammiilee, daldalaafi mootummaa akka qabeenya guddaa biyyaalessaatti lakkaa’ama.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daataa to’achuun akka waan warqiifi bishaan eeggachuutyi dhimma birmadummaa ta’uu akeekuun; bu’uraaleen misoomaa murteessoon teknoolojiiwwan biyya keessaan akka ijaarraman taasifamaa jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Amma irratti imalli diijitaalaa Itiyoophiyaa hirkattummaa teknoolojii hambisuun, furmaata mataa ishee ijoollee isheetiin kan uumtuuf balbala saaqeera.

Kanaafuu, sanyiin teknoolojii har’a dargaggoota irratti facaafamu, boru abdi qajeelaa, birmaddummaa diijitaalaafi bilisummaa dinagdee biyyattii haala qabatamaan kan mirkaneessu ta’a.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment