Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC)-Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon imala Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf eegalame waloon galmaan gahuun barbaachisaadha jedhan.
Sagantaan beekamtii kennuu tajaajila tola ooltotaa bara 2017 magaalaa Finfinnee gaggeeffameera.
Obbo Taaggasaa Caafoon wayita kana akka jedhanitti, guutuu biyyattiitti hojiilee tola ooltota qindeessuun hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera.
Tattaaffii bulchiinsi magaalaa Finfinnee dameewwan hundaan tola ooltota cimsuuf taasisu kan jajjabeeffamu ta’uus eeraniiru.
Tola ooltummaan agarsiistuuwwan jaalala biyyaa keessaa tokko ta’uu kaasanii, mootummaan qaamolee tajaajila tola ooltummaa irratti hirmaachuun biyyaafi uummata isaanii tajaajilan kan galateeffatu ta’uu ibsan.
Imala Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf eegalame waloon galmaan gahuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Yeroo itti aanutti lammiin hundi hojii gaariifi bara bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tumsuu akka qabu yaadachiisuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.