Imalli Itiyoophiyaa kan kaleessaarra fooyya’aa dhufeera- Diyaaqoon Daani’eel Kibrat

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Imalli Itiyoophiyaa kan kaleessaarra fooyya’aa dhufeera jedhan Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqoon Daani’eel Kibrat.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mata duree ” Daawwannaa Mana Maree Ministirootaa Kooyishaatti” jedhuun gamaaggama raawwii hojii guyyoottan 100 jalqabaa bara baajataa 2018 Ministiroota waliin hidha Kooyishaatti gaggeessaniiru.

Diyaaqoon Daani’eel Kibrat wayita kana karoorri guyyoottan 100 Itiyoophiyaan yeroo hunda guddachaa fi jijjiiramaa akka jirtu agarsiisa jedhaniiru.

Imalli Itiyoophiyaa kan hin dhaabbanneefi yeroo hundaa seenaan irratti kan barraa’u ta’uu eeruun, imalli ishee kan kaleessaarra fooyya’aafi jijjiiramaa akka jiru ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment