Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)- Indaastiriiwwan oomishaa fi tajaajila kennan faalama naannawaaf sababa ta’an kuma 1 fi 800 ol irratti tarkaanfii fudhachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannawaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Abbaan Taayitichaa raawwii hojii baatiiwwan 6, 2017 qorateera.
Hoji Raawwachiiisaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Diidaa Dirribaa akka ibsanitti, tarsiimoo fi karoorri waggaa shanii fi kudhanii Eegumsa Naannawaa fi misooma qabeenya uummamaa irratti xiyyeeffatan hojiirra oolaa jiru.
Qabeenya uumamaa magaalattii seeraan hojiirra oolchuuf baatiiwwan jahan darbanitti dhaabbilee misoomaa 12’f eeyyama kennuu fi eeyyama dhaabbilee jahaa ammoo haaromsuu dubbataniiru.
Kanaanis dhagaa fi bu’aalee dhagaa meetir kuubii miliyoona 2 fi kuma 300 ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalattiif dhiyeessuun galii Birrii miliyoona 19 fi kuma 700 fi kuma 62 argamuu ibsaniiru.
Waldaalee oomishaa sunsuma qoraan qusatu fi faalama naannawaa ittisan oomishan 65’f itti fayyadama teeknooloojii annisaa irratti deeggersa kennuu fi hordoffii taasisuu kaasaniiru.
Industiriiwwan madda faalama naannawaa ta’an kuma 8 fi 772 irrattis hordoffii fi to’annoon gaggeeffamuu ibsanii, isaan keessaa kuma 1 fi 801 irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhan.
Dhaabbileen kunneenis warshaalee gogaa, sibiilaa fi pilaastikii akkasumas hospiitaalota, manneen barnootaa fi hoteelota ta’uu beeksisaniiru.
Faalama sagaleen walqabatees manneen ragadaa 50 ta’an cufamuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia