Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Oromiyaatti Waggaan Aannaan Liitirri biiliyoonni 3.5 ol oomishamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.
Oromiyaatti Inisheetiiviin misooma beelladaa osoo hin eegalin Loon, Gaalaa fi Re’eerraa waggaan aannan Liitirri biiliyoonni 1.8 qofti oomishaamaa kan ture, ammaa Liitirri biiliyoonni 3.5 olii oomishamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa fi Itti gaafatamaan Damee Misooma Beelladaa obbo Toleeraa Dabalaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Aannan % 80 Loon irraa, % 20 ammoo Gaalaa fi Re’eerraa argama jedhan.
Aannan akka biyyaatti oomishamu keessaa % 40 Oromiyaa keessatti kan oomishamu ta’uu eeran obbo Toleeraan.
Keessattuu aannan Oromiyaatti oomishamu kan naannolee kaanii caalaa gabaaf dhiyaachaa akka jiru dubbatan.
Aannan walitti qabamu keessaa % 90 saawwan sanyii naannorraa ta’uu eeruun, loon sanyii fooyya’aa oomisha aannanii guddaa kennuu danda’an horachuuf xiyyeefannoon hojjetamaa jira jedhan.
Loon naannoo guyyaan aannan hanga liitira 2.5 qofa kennaa kan jiran yoo ta’u, loon dhiigni isaanii fooyya’e ammoo hanga liitira 32 kennaa jiraachuu ibsan.
Waliigalaan yeroo ammaa loon diqaalomaan giddugaleessan guyyaan aannan litira 12 kennaa jiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa sagantaalee garaagaraa qopheessuun oomishaa fi oomishtummaa aannanii guddisuuf xiyyeeffannoon addaan hojjetaa jira jedhan obbo Toleeraan.
Sagantaan maaddii guutuus oomisha aannanii dabaluu keessatti gahee isaa bahachaa akka jiru kaasaniiru.
Akka Istaandardii addunyaatti namni tokko waggaan liitira 200 fayyadamuu qaba, garuu Itiyoophiyaatti haalli mijataan osoo jiruu yeroo ammaa namni tokko waggaatti giddu galeessan liitira 60 qofa argataa jira jedhan.
Carraa jirutti fayyadamuun qulqullina, oomishaa fi oomishtummaa aannanii guddisuuf fooyyessa loon aannaniirratti hojjetamaa jira.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.