Inisheetiiviin misooma qamadii inisheetiivii badhaadhina maatii qabatamaan mirkaneessaa jira – BQO

Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Inisheetiiviin misooma qamadii inisheetiivii badhaadhina maatii qabatamaan mirkaneessaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.

Jilli Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti facaasaa qamadii Bonaa gaggeesseera.

Misooma qamadii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara miiliyoona 4 misooomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 63 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 3.1 qophaa’uun hektaarri miiliyoonni 2.9 faca’ee kunuunfamaa jiraachuu obbo Geetuun himaniiru.

Qonnaan bultoonni humna bishaanii naannoo isaanii jiru adda baasuun bishaan yaa’u karaa saayinsaawaa ta’een hidhuun hojii misooma jallisii qonnaaf oolchuun irraa fayyadamaa ta’aa jiraachuu eeran.

Hojii qonnaan bultoonni hojjetaa jiran qabtamaan imala badhaadhinaa eegalame milkeessuufi abdii cimaa kan namatti horu ta’uus obbo Geetuun dubbataniiru.

Bara kana humna bishaaniifi haala mijaawaa godinni Shawaa Kaabaa qabuun Bonaan lafa hektaara kuma 200 fi kuma 32 misoomsuuf karoorafamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 200 fi kumni 25 qophaa’uun, hektaarri kumni 200 ol facaafamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Hirphaa Addunyaan ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni Aanaa Sulultaas hojii misooma jallisiirraa fayyadamoo ta’aa jiraachuu himan.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment