Inisheetiiviin qonna qamadii jallisii bonee jireenya keenya jijjiiraa jira – Qonnaan Bultoota K/M/Sulultaa

Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC) – Inisheetiiviin qonna Qamadii jallisii bonee jireenya keenya jijjiiraa jira jedhan qonnaan bultootni Kutaa Magaalaa Sulultaa.

Magaalichaatti lafa yeroo dheeraaf midhaan hin ta’u jedhamuun faayidaa malee ture, jallisii boneen qamadii misoomsuun bu’aa gaarii argachuu eegalle jedhan qonnaan bultoonni kutaa magaalichaa aanaalee Wasarbii fi Abbaa Gadaa.

Yeroo jalqabaaf bara darbe qamadii jallisiin misoomsuu eegaluu kan dubbatan qonnan bultoonni kunneen, muuxannoo bara darbee bu’uura godhachuun bara kana hammas qulqullinas fooyyessuun bu’aa caalmaaf hojjechaa jirra jedhan.

Bara darbe hektaara tokkorraa callaa kuntaala 30 – 40 argachuu eeruun, barana ammoo kuntaala 50 ol argachuuf haalan kunuunsaa jiraachuu himan.

Kanaanis haalli jireenyaa keenya jijjiiramuu eegaleera jedhan.

Hanqinni dhiyeessii bishaanii garuu hojii isaanirratti gufuu guddaa ta’uu dubbatan.

Lafti hagabuu buluu hin qabu, dargaggeessi taa’uu hin qabu ejjennoo jedhuun hojiin qamadii jallisii boneen oomishuu eegalame jijjiirrama olaanaa galmeessaa akka jiru Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Wasarbii obbo Bahaaruu Baqqalaan dubbatan.

Lafti bishaan irra ciisu oomisha kennuu hin danda’u ilaalcha jedhuun yeroo dheeraaf tajaajila malee ture, amma hojii hubannoo uumuu fi hojjetanii agarsiisuu hojjetameen qonnaan bultoonni hedduun jallisii boneen qamadii oomishuurratti bobba’uu himan.

Akka aanichaatti bara kana lafa hektaara kuma 1 fi 900 jallisii boneen qamadii misoomsuuf karoorfamee guutummaatti raawwatamuu ibsan.

Kallattii mootummaan kaa’e bu’uura godhachuun, ilaalcha hin ta’u jedhu cabsuun Lafa Sulultaa faayidaa malee bishaan irra ciisaa ture qa’ee misoomaa taasisuun danda’amuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Kutaa Magaalaa Sulultaa obbo Girmaa Tolasaan himaniiru.

Dargaggootaa fi qonnaan bultoota waldaalee gurmeessuun makanaayizeeshii qonnaa guutuu fayyadamuun hojii jajjabeessaan hojjetamuu dubbatan.

Bishaan lafarraa fi jalaa karaa guutuun fayyadamuun lafa hektaara kuma 3 fi 440 sanyiin uwwisuun callaa kuntaala kuma 100 fi kuma 71 argachuuf hojjechaa jirras jedhan.

Dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni kutaa magaalichaa kumni 2 fi 970 waldaan gurmaa’uun qonna jallisii boneerratti hojjechaa jiraachuu himan obbo Girmaan.

Hanqina dhiyeessii bishaanii jiru furuuf filannoowwan jiran hundatti fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment