Inisheetiivoonni qonnaa jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiraa jiru- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Sadaasa 17, 2018(FMC)- Inisheetiiviin qonnaa jiruufi jireenyi hawaasaa jijjiiraa jiru jedhan Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa kilaastara Jimmaatti leenjii fudhachaa jiran hojiiwwan misoomaa Aanaalee Godinichaa daawwataniiru.

Obbo Awwaluu Abdiin wayita kana naannichatti galmoota afran qabamaniin hojii hojjetamaa jiruun bu’aa qabatamaan galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Makaanaayizeeshinii qonnaa hojirra oolchuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun danda’amuus kaasaniiru.

Ruuzii biyya alaatii galuu kan biyya keessaan bakka buusuuf hojii hojjetamaa jiruun bu’aa qabataman dhufuu ibsuun, naannichatti ruuziin lafa hektaara miiliyoona 1 fi kuma 500 irratti misoomaa ture sassabamaa jiraachuu eeraniiru.

Oomisha ruuzii bara kanaa irraa calla kuntaalli miilyoonni 60 ol kan eegamu ta’uus himan.

Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijjaani Naasir gama isaaniin, Godinichatti ruuziin lafa hektaara kumaa 300 ol irratti misoomuu kaasanii, sassabbiin isaa jalqabamuu ibsan.

Tasfaahun kabbadaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment