Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Inisheetivoota eegalaman itti fufsiisuufi haaraa maddisiisuun carraawwan gabaa biyya keessaafi alaa fayyadamuuf xiiqiin hojjetamuu akka qabu hubachiifame.
Raawwii hojii kurmaana 3ffaa paartiifi mootummaa naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti qoratamaa jiru irratti karoorri misoomaa bara 2018 dhiyaateera.
Raawwii hojii kurmaana sadan darbanii gama paartiin hojjetame kan dhiyeessan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa, seenessa waloo lafa qabsiisuuf hojii hojjetameen bu’aa olaanaan argamuu himan.
Raawwii hojii mootummaa kan dhiyeessan Komiishinerri Komiishinii Karooraafi Misoomaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdii Yuuyyaa gama isaaniin, baadiyyaattis ta’e magaalaatti hojiin misoomaa hojjetame gaarii akka ta’e ibsuun yeroo hafe keessatti harcaatiwwan jiran maqsuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Karoora misoomaa naannoo Oromiyaa kan bara 2018 waltajjii kanarratti kan dhiyeessan ammoo Itti Gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Daawud dha.
Karoora bara 2018 keessatti inisheetivoonni eegalaman idilaa’anii itti fufuu akka qabanii fi carraawwan gabaa biyya keessaafi alaa fayyadamuuf hojjetamuu akka qabus ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.
Gamaaggamni raawwii hojii mootuummaa fi paartii Naannoo Oromiyaa har’a eegalame kun borus akka itti fufu hubatameera.