Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2018(FMC) – Inistitiyuutiin Tekinooloojii Shaggar cabinsa sirna Barnootaa furuun dhaloota yaadama haaraa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Pirezdaaniin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.
Inistitiyuutiin Tekinooloojii Shaggar har’a bakka Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Afa-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, akkasumas hooggantoota olaanoo Federaalaa, Naannoofi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar argamanitti eebbifameera.
Pirezdaanti Shimallis sirnicha irratti ergaa dabarsaniin, Inistitiyuutichi cabinsa barnoota keessa ture furuun dhaloota yaadama haaraan ijjiirama biyyaa itti fufsiisuu danda’umuumuuf shoora olaanaa qaba jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa cehumsa barnootaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsanii, barattootnis carraawwan Inistitiyuutichatti argatan fayyadamuun caalmaatti dorgomaa ta’uun jijjirama kalaqa Addunyaa keesatti cimuu akka qabanis dhaamaniiru.
Haaluma kanaan qaamolee milkaa’ina Inistitiyuutichaaf tumsanis galatoomfataniiru.
Walitti Qabaa Boordii Inistitiyuutii Tekinooloojii Shaggar Dooktar Biraanuu Bulchaa Inistitiyuutichi adddunyaa haaraa keessatti, yaada haaraan dhaloota haaraa uumuuf akka hojjetuu fi barnoota qabatamaa kalaqa irratti hundaa’uun rakkoo furuu danda’u dhiyeessuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo gama isaaniin barattoota gahumsa ga’aa horatan addunyaaf gumaachuu danda’an horachuuf dhaabbata yaadama olaanaan hundaa’e ta’uu ibsanii, Mootummaan Naannoo Oromiyaas cabinsa barnootaa furuuf tarsiimoofi imaammata bocuun tarkaanfiiwwan adda addaa kaa’aa jiraachuu isaanii odeeffannoon KMN Oromiyaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia