Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Inistiityuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo qorannoolee adda adda gaggeessuun kitaabilee 31ta’an maxxansiiseera jedhe.
Inistiityuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo kora qo’annoofi qorannoo Oromoo marsaa 18ffaa Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti gaggeessaa jira.
Inistiityuutiin qorannoofi Qo’annoo Oromoo afaan seenaa aadaafi aartii oromoo qorachuuf kan hundeeffameedha jedhan Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutichaa Dooktar Dirribaa Tarraffaan.
Inistiityuutiin qorannoofi Qorannoo Oromoo bara 2017’tis kitaabilee 10 maxxansiisuuf qophiirra jira jedhan.
Korri kun mata duree “duudhaa keenyaan dhaloota haa ijaarru jedhuun’ guyyoota 2f kan taa’amu yoo ta’u, hayyoota dhaabbilee barnootaa olaanoorraa walitti babba’an dabalatee qooda fudhattoonni kanneen biroo hirmaachaa jiru.
Kora kanarratti qorannooleen adda addaa dhiyaachuun irratti mar’iatamaan eegama.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.