Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Injifannoon Adwaa kan wareegamni dhiigaa fi lafee itti kaaffalame injifannoo seenaa addaati jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen injifannoo Adwaa 130ffaa dargaggoota Finfinnee waliin Yaadannoo Injifannoo Adawaatti marii Paanaaliin kabajaniiru.
Injifannoo ummata gurraachaa maraaf mallattoo ta’e dargaggoota waliin bifa ho’aa ta’een kabajuu ibsan.
Injifannoo Adwaarraa tokkummaa, gootummaa fi Cichoomina baranna jedhan.
Yeroo sanatti garaagarummaan siyaasaa jiraatus ummanni Itiyoophiyaa dhimma biyyaarratti tokkummaan weerartoota qaanessan jechuun eeran.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.