Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) – Daganna tokko malee injifannoo dabalataaf carraaquu qabna jedhan Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.
Gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 2ffaa bara 2018 tibbana geggeeffame irratti Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa kallattii hojii kan kennan yoota’u, raawwii ji’oota jahan darbanii ija karoora kurmaanotaatiin qofa osoo hintaane, muldhata akka waliigalaatti qabamee bu’uureffachuun kan ilaalamee ta’uu eeran.
Hoggansi naannoo karooraafi madaallii qabameen raawwii ol’aanaafi injifannoo danuu galmeessuu kaasuun, kanan dagannaa keessa galuun akka hinbarbaachisnes dubbataniiru. Dabalataanis, rakkoolee gama carraa hojii umuun, qaala’iinsa jireenya hirdhisuutiin, akkasumas qaawwa gama naamusaafi madaallii injifannootin jiru duuchuuf hojjetamuu akka qabu kallattii kennaniiru.
Itti dabaluunis, hanqinaaleefi ciminaalee muldhatan irraa ka’uun karoorri qabamee irra deebiin ilaalamu akka qabu dubbachuun, milkaa’ina inisheetivootaa, cimina mootummaa gandaa raawwii hojii misoomaa irratti bu’uuressuu, ogummaafi dhaweessummaa akkasumas nageenya waaraa mirkaneessuufi hojii filannoorratti jiru sakatta’uun akka barbaachisuu akeekaniiru. Keessattu filannoorratti gahee mootummaarraa eegamu bahachuu irratti xiyyeeffannoon sochiin taasifamuu akka qabu himaniiru.
Walumaagalatti hojiilee mootummaa mara gahee ijaarsa dinagdee ummata keenyaa keessatti qabaniin ilaalamuun akka irra jiraatu kan dubbatan yoota’u, hoggansi sadarkaan jiru marti raawwii hojiisaa jijjiirama yerootiin osoo hintaane galmoota qabsoo ummataatiin madaalaa deemuu akka barbaachisu ibsuu isaanii odeffannoon waajjira Pirezidaantichaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia