Injifannoo Dippiloomaasii Uummataa Hidha Haaromsaa keessatti

Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa fedhii anniisaa biyya keenyaa guutuu fi guddina diinagdee keenyaaf bu’uura ta’uu qofa miti.

Waltajjii idil addunyaarratti birmadumma fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan kabachiise, agarsiistuu cichoominaa fi qabsoo dippiloomaasiiti.

Itti fayyadama bishaanii laga Abbayyaa irratti waggoota dheeraaf ilaalcha sirrii hin taanee fi dhiphina Qubsama siyaasaa keessa darbuun, Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee irraa fayyadama haqa qabeessa fi madaalawaa akka qabaattu mirkaneessuu dandeesseetti.

Injifannoo seenaa kanaafis, dippilomaasiin ummataa qindoominaan taasifame akka meeshaa tarsiimoo ijoo ta’ee tajaajileera.

Qorannoowwan akkaadamikii yeroo dhiyoo akka agarsiisanitti, sochiileen dippiloomaasii ummataa hayyoonni, dhaabbileen siivikii fi miidiyaaleen garaagaraa dhugaa jiru hawaasa idil addunyaatti beeksisaniiru.

Hidhaan kun qoodinsa seenaa biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gadiitti argamanitti miidhaa kan hin geessisne, pirojektii misoomaa faayidaa waloo fi fayyadamummaa qabeenyaa haqa qabeessa irratti hundaa’e ta’uu isaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru.

Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa kutaa addunyaa garaagaraa keessa jiraatan waamicha biyyaalessaa simachuun tokkummaan mul’isan agarsiiftuu seenaa isa biroodha.

Diyaaspooraan waltajjiiwwan dijitaalaa adda addaa fi dula miidiyaa hawaasaa fayyadamuun, dhiibbaa siyaasaa fi dippiloomaasii fayyadamuun dhiibbaa dippiloomaasii Ijipti Itiyoophiyaarratti taasifamaa ture cichoominaan qolachuu danda’aniiru.

Lammiileen biyya isaanii jaallatan kunneen mirga misoomsuu Itiyoophiyaan qabdu waltajjiiwwan idil addunyaarratti odeeffannoowwan fi seenessa dogoggoraa kanneen ilaalcha hamaa qaban jijjiiruu keessatti gahee olaanaa bahataniiru.

Odeeffannoo sirrii hawaasa idil addunyaatiif dhiyeessuun, tokkummaa biyyaalessaa hin raafamne fi tumsa idil addunyaa qabatamaan agarsiisaniiru.

Wiirtuuleen dippilomaasii ummataa dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti hundeeffamanis, hayyoota, qorattootaa fi dargaggootaaf carraa fi dandeettii guddaa ta’aniiru.

Dhugaa qorannoo fi qo’annoon deeggarame fayyadamuun, keessumaattu odeeffannoo miidiyaaleen Ijipti irraa tamsa’aa turan, akkasumas duulaawwan saayibarii qindaa’an, karaa saayinsaawaa ta’een saaxiluu fi fashaleessuun danda’ameera.

Walumaagalatti, ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fi adeemsi dippilomaasii isaa, Itiyoophiyaanonni yoo tokkummaan dhaabbatan galmi hin geenye akka hin jirre kan mirkaneessedha.

Dippilomaasiin ummataa, beekumsi hayyootaa, deeggarsi diyaaspooraa fi duulaawwan dijitaalaa walitti qindaa’anii, Birmadummaa, mirga misoomuu fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa cichoominaan kan kabachiisan, ragaa seenaa guddinaa fi injifannoo keenyaati.

Abrahaam Abarraatiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment