Innooveeshinii fayyadamuun Raayyaa Ittisaa ammayyaa ijaaruun murteessadha – Fiild Maarshaal Birhaanuu

Finfinnee, Caamsaa 15, 2017 (FMC) – Innooveeshinii fayyadamuun Raayyaa Ittisaa ammayyaa ijaaruun murteessaa ta’uu Itaamaajooriin Humna Waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Sagantaan hundeeffama giddugala Interpiriinarshiippii fi Innooveeshinii gaggeeffamaa jira.

Jijjiirramaan as hojiilee riifoormii hojjetameen Raayyaa Ittisaa Hidhannoo jabanaa hidhate ijaaruun danda’amuu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan himaniiru.

Raayyaa Ittisaa ergama isaa qofa ga’umsaan raawwachuu danda’uu fi cimaa ta’e ijaaruuf hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamuu dubbataniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa fakkaatu fi dameewwan Fayyaa, Loojistiksii, Odeeffannoo, Indaastirii, Barnootaa fi kanneen biroon cimaa ta’e ijaaruuf hojiin Riifoormii hojjetamuu ibsaniiru.

Hundeeffamni giddugala Interpiriinarshiippii fi Innooveeshinii kun hojiileen riifoormii bu’aa qabeessa ta’uu agarsiiftuudha jedhan.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kaamiil dabalatee qondaaltoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa saganticharratti argamaniiru.

Taammiraat Dalaliitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment