Instiitiyuutichi ergama sirna haqaa tumsuu milkeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jira

Instiitiyuutichi ergama sirna haqaa tumsuu milkeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jira

Finfinnee, Caamsaa 6, 2017 (FMC) –Inistiityuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ergama sirna haqaa tumsuu milkeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu ibse.

Inistiityuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiistummaa ogeeyyii seeraa cimsuu, qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun rakkoolee sirna haqaa fi hojmaataaf yaada furmaataa dhiyeessuu, akkasumas tajaajila sirna haqaa fooyyessuu kaayyeeffatee bara 1999 hundaa’e.

Instiitiyuutichi hundeeffama isaa irraa eegalee ergama itti kenname bakkaan ga’uuf ciminaan hojjechaa jira.

Itti aanaan Daayrektera Olaanaa Instiitiyuutichaa Sulxaan Abdoo Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti, ogeeyyii seeraa gara hojiitti utuu hingalin leenjii hojiin duraa, warra hojiirra jiraniif immoo leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa fi dheeraa kennuun hojii itti ramadaman qulqullinaa fi amanamummaan akka hojjetaniif dandeettii raawwachiisummaa isaanii guddisuu irratti argama.

Hanga ammaattis ogeeyyii seeraa dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifaman kuma 4 oliif leenjii kennuun gara hojiitti kan galche yoo ta’u, leenjii hojiirraa yeroo dheeraas ogeeyyii seeraa kuma 2 oliif kenneera.

Dhimmoota seeraa fi sirna haqaa fooyyessuuf fayyadanis joornaalota adda addaa irratti maxxansuun tumsa irraa eegamu gumaacheera.

Dandeettii leenjistootaa cimsuu, teeknoolooiiwwan haaraa sirna leenjiif barbaachisan guuttachuu fi deeggarsa baajetaa hojii kana milkeessuuf barbaachisu guuttachuuf dhaabbilee tumsitootaa sadarkaa biyaa, ardii fi idil addunyaatti jiran waliin waliigalee hojjechaa akka jirus obbo Sulxaan himaniiru.

Dhaabbilee kanneen keessaa tumsi dhaabbata Africa “ Judicial Institute for Africa” jedhamu waliin hojjechuuf waliigalteen mallatteesse akka fakkeenyaatti kan eeramuu dha.

Leenjii ijaarsa dandeettii hojjettoota Instiitiyuutichaa dabalatee qaawwa jiru guutuun deeggeruuf dhaabbatichaan waliigaluunis ibsameera.

Instiitiyuutichi ergama itti kenname kana guutummaatti akka galmaan ga’atuuf ammas qooda fudhattoonni biroo tumsa irraa eegamu akka taasisaan obbo Sulxaan dhaamaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment