Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC)- Dhaabbanni Poolisii Idil Addunyaa yakkoota daangaa ce’oo ittisuuf Gamtaa Afrikaa waliin nan hojjedha jedhe.
Dura Taa’an Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf Pireezidaantii Interpool Ahimad Naasir Al Raayiiz waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, Mahaammad Alii Yusuuf ,Seera Interpool kabajuu fi nageenya idil Addunyaa eeguun tumsa taasisu dinqisiftaniiru.
Interpool Gamtaa Afrikaa jalatti kan argamu Tumsa Poolisii Gamtaa Afrikaaf deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
Ahimad Naasir Al Raayiiz gamasaaniin, dhaabbanni isaanii hariiroo Gamtaa Afrikaa waliin qabu cimsuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Fuuldurattis yakkoota daangaa ce’oo ittisuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf Gamtaa Afrikaa waliin hojjechuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.