Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatoolaah Sayid Mujtaabaan ajjeechaa hoggantoota olaanoo irratti raawwateef Iraan haaloo akka bahattu akeekkachiisaniiru.
Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Arabaa 12 gama isaaniin haleellaa Iraan biyyoota naannawichaa irratti raawwattu akka dhaabdu hubachiisaniiru.
Barreessaa Olaanaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Alii Laariijaaniin kibxata darbe haleellaa Israa’eliin kan ajjeefaman yoo ta’u, Hogganaa Olaanaan Iraan ergaa gaddaa dabarsaniin ajjeechaawwan akka kanaa daran nu jabeessu jedhan.
Warreen nu ajjeessan gatii harka isaanii ni argatu jechuun, biyyattiin haleellaa haaloo bahannaa akka fudhattu akeekkachiisuu isaanii ‘Prees Tv’n gabaaseera.
Gama biraan Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Arabaa Iraan haleellaa naannawichatti raawwattu akka dhaabdu gaafataniiru.
Ministiroonni biyyoota kanneenii dhimma nageenyaafi tasgabbii naannawaa irratti Sa’ud Arabiyaatti erga mari’ataniin booda ibsa waloo baasaniin, Iraanitti haleellaa lammiilee nagaa irratti qiyyeeffatan balaaleffataniiru.
Biyyoonni ibsa waloo kana kennan Sa’ud Arabiyaa, Baahireen, Joordaan, Azarbaajaan, Ijipt, Kuweet, Libaanos, Paakistaan, Kuwaataar, Siiriyaa, Turkiyyee fi Eemireetota Araba Gamtoomaniiti.
Biyyoonni kunneen Iraan bu’uuraalee misoomaa boba’aa, buufataalee xiyyaaraa fi bu’uuraalee misoomaa biroo irratti haleellaa miisaa’ela baalaastikiifi diroonii raawwachaa akka jirtu ibsuun, gochaa ishee kana akka dhaabdu gaafachuu Anaadooluun gabaaseera.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia