Finfinee, Sadaasa 7, 2018 (FMC) – Iraan gogiinsa dandamachuuf hojii duumessa misoomsuun rooba misoomsuu eegaltee jirti.
Iraan waggoota Kurnan darban hongee hamaa ishee mudate furuuf fi walgaiinsa roobaa mijessuuf hojii duumessa misoomsuu eegalteetti.
Biyyattiin yeroo jalqabaaf hojii kana yaa’a Hara Urmiyaa keessatti geggeessuun ishee ibsameera.
Kaaba Lixaatti kan argamu Urmiyaan hara guddaa biyyattii yoo ta’u, harki caalaan naannawa harichaa sababa gogiinsaan gara lafa soogiddaa bal’aatti jijjiirameera.
Bahaa fi Lixa Azerbaajaanitti hojii dabalataa akka raawwattu kan ibsame you ta’u, Iraan waggaa darbe kaayyoo fi Karoora Kanaaf tekinooloojii qopheessuun ishee ibsameera.
Guyyaa kaleessaa Lixa Ilaam, Keermaanvaah, Kurdistaan fi Looreestaan akkasumas kutaa bulchiinsa kaaba Lixaa Azarbaajanitti roobni akka roobe gabaafameera.
Harka caalu gammoojjii kan taate Iraanitti dambaliin ho’aa hongee hamaa fi jijjiirama qilleensaa hammeessuun barootaaf jiraatteetti.
Roobni Teeraanitti roobe jaarraa tokko keessatti isa xiqqaa akka ta’e abbootiin aangoo naannichaa dubbatanii, kutaaleen Iraan Walakkaa ta’an copha roobaa tokkollee ji’ootaaf akka hin argatin ibsaniiru.
Imareetota Arabaa Gamtooman dabalatee biyyoonni naannawichaa adda addaa rooba karaa nam-tolchee ta’een argachuuf hojii duumessa misoomsuu fayyadamuun isaanii ibsameera.
#Oromia #Ethiopia