Iraan haleellaa Ameerikaan irratti raawwatteef haaloo nan baha jette

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017(FMC)- Iraan haleellaa Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa ishee sadiirratti raawwatteef filmaatawwan hunda fayyadamuun tarkaanfii haaloo bahannaa akka fudhattu beeksifte.

Ameerikan sa’atiiwwan dura dhaabbata niwukilaraa Iraan guddicha Foordoowu dabalatee dhaabbilee niwukilaraa biyyattii sadiirratti haleellaa Boombii milkaa’aa raawwachuu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi ifoomsaniiru.

Haleellaa Ameerikaan raawwatte kun rifaasisaadha kan jedhan Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araakichiin, badii cimaa akka qaqqabsiisu ibsan.

Iraan of ittisuuf Ameerikaarratti tarkaanfii haaloo bahannaa fudhachuuf filmaatawwan hunda fayyadamuuf mirga qabaachuu hubachiisan.

Doonaaldi Tiraampi haleellaa kana booda Iraan hatattamaan kara nagaatti dhufuu qabdi jedhan.

Kara nagaatti kan hin dhuftu yoo ta’e haleellaa cimaan akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment