Iraan namoota 700 ol MOSAD waliin hidhata qabu jechuun hiite

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Iraan namoota 700 ol dhaabbata basaasaa Israa’el MOSAD waliin hidhata qabu jechuun hiite.

Iraan guyyoottan 12 darbanitti namoota 700 ol Israa’el waliin hariiroo uumuun hojjechaa jiru jechuun shakkite hidhuu RTn gabaaseera.

Dabalataanis guyyaa har’aa namoonni sadii Israa’eliif osoo basaasanii argamaniiru jechuun ajjeefamuun dhagahameera.

Oduu biraan buufanni niwukilaraa Iraan Foordoon haleellaa boombii Ameerikaan guutummaatti barbadaa’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dubbataniiru.

Iraan gama isheen buufata niwukilaraa kanarratti miidhaan hangana jedhamu kan hin geenye ta’uu ibsiteetti.

Israa’el dhimmicharratti ragaalee walitti qabuu kan ibsan Doonaaldi Tiraampi, buufataaleen niwukilaraa Iraan Ameerikaan haleelaman guutummaatti barbadaa’uun mirkanaa’eera jedhan.

Iraan sagantaa niwukilaraa irra deebiin kan eegaltu yoo ta’e Ameerikaan tarkaanfii akka fudhattu hubachiisaniiru.

Abeel Nawaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment