Finfinnee, Fulbaana 23, 2018(FMC) –Irreecha bara 2018 akkaataa tokkummaa fi obbolummaa caalmaatti cimsuun kabajuuf qophoofne jedhan jiraattoota Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu.
Irreechi bara 2018 mata duree ‘Irreechaa Olka’iinsa biyyaaf’ jedhuun kabajama.
Keessummoota Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneerratti hirmaachuuf kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufan simachuuf karrawwan shanan Finfinneetti qophiin taasifameera.
Keessummoota kutaa Kaaba Itiyoophiyaarraa karra Qirxiin Finfinnee dhufan akkaataa duudhaa, safuu fi aadaa keessummaa simachuu hawaasa Oromoon simachuuf kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti qophiin taasiifameera.
Irreechi tokkummaa, jaalala, walummaa fi obbolummaa waan ta’eef keessummoota kabaja ayyaanichaarratti hirmaatan simachuuf qophii barbaachisu taasifneera jedhan jiraattoonni kutaa magaalichaa.
Irreechi duudhaa fi aadaa isaa eeguun akka kabajamu gahee isaanirraa eegamu bahuuf qophaa’uu dubbatan.
Irreechi mallattoo tokkummaa, jaalalaa, araaraa, dhiifamaa fi obbolummaa waan ta’eef duudhaalee kanneen akkaataa caalmaatti cimsuun kabajuuf qophaa’uu kaasan.
Miseensonni abbootii Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaa, foolleewwanii fi qooda fudhattoonni hundi keessummoota simachuuf qophii xumuruu ibsan.
Waan qabnu walii qooduun gammachuu fi jaalalaan kabajuuf keessummoota simachuuf eegaa jirra jedhan.
Kutaa magaalichaa aanaa Tufaa Muunaa iddoolee garaagaraatti qophiin simannaa xumurameera.
Hirmaattoonni mallattoo, jechootaa fi gochaalee duudhaa fi safuu Irreechaa faallessan irraa of qusachuun namuusa eeguun akka kabajan dhaamaniiru.
Irreechi caalmaatti madda Tuuriziimii, Diinagdee, mallattoo nageenyaafi dirree obbolummaa akka ta’uuf qindoominaan ni hojjenna jedhan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.