Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Irreecha akkaataa duudhaa aadaa eegeen haala ho’aa ta’een kabajuuf qopheefnerra jedhan Abbootiin Gadaa.
Irreechi baranaa mata duree ‘Irreechaa olka’iinsa Biyyaaf’ jedhuun Fulbaana 24 fi 25, 2018 kabajama.
Irreechi missiraachoo waqtiin gannaa haalan ulfaataa ta’e darbuun birraatti ce’uuti jedhan Abbaan Gadaa Girmaa Baqqalaan.
Irreechi mallattoo jaalalaa, Tokkummaafi Sirna Galateeffannaa ta’uu kaasan.
Sirna kabaja ayyaana Irreechaa qofaasaatti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa mootummoota Gamtoomaniitti galmeessuuf hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan abbaan Gadaa Girmaa Baqqalaan.
Irreechi hundi garaagarummaa malee tokkummaan kan kabaju ibsituu walummaa, mallattoo nageenyaa fi sirna galateeffannaati jedhan Abbaan Gadaa Walda Aab.
Hariiroo ummattootaa caalmaatti cimsuuf ayyaana gumaacha olaanaa qabuudha jedhan.
Irreecha bara kanaas bifa addaan kabajuuf qophoofneerra jedhan.
Daayrekterri olaanaan Abbaa Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa Gargaaraan Piroofesaraa Ababaaw Ayyaalew gama isaaniin, ayyaanonni akka Irreechaa dirreetti kabajaman nageenya, jaalala, tokkummaa fi hariiroo ummataa cimsuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu dubbatan.
Irreechi ibsituu jaalalaa fi walummaa ta’uu eeran.
Hawwata Tuurizimii fi diinagdee biyyaa guddisuu keessatti ayyaana gumaacha olaanaa qabu ta’uu isaa himuun, duudhaa fi aadaa isaa eeguun dhalootaaf dabarsuun murteessaa ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.