Irreechi aadaa addunyaa ta’e – obbo Alamaayyoo Asaffaa

Finfinnee, Fulbaana 25,2018 (FMC) – Ayyaanni Irreechaa kan Oromoo ta’uu irra darbee aadaa uummata addunyaa ta’aa jira jedhan kantiibaan magaalaa bidhooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa.

Obbo Alamaayyoo Asaffaa kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Harsadee ilaalchisee Mmiidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Irreechi aadaa Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane aadaa addunyaa ta’eeera jedhan ibsa isaaniin.

Ayyaanichi haala mijatan akka kabajamuuf hojii mootummaan hojjete milkaa’iina olaanaan xumuramuu akka dandeessises eeran.

Ardaa jilaawwanii Irreechaa miidhakgsuuf hojiin hojjetames naatoo ayyaanichaa ta’uu ibsan.

Irreechi barana kabajame akkaataa yaadameen olka’iinsa biyyaa kan mirkaneessee fi imala badhaadhinaa agarsiise ta’uus kaasan.’

Siifan Magarsaatiin

#Oromiya #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment