Irreechi falaasama Oromoon madaala uumamaa eeguun hariiroo uumaa waliin qabu ittiin tikfatuudha – Hayyoota

Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Waltajjiin Gumii Balal marsaa 45ffaan mata duree ”Irreecha Olka’insa biyyaaf!” jedhuun Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffameera.

Irreechi falaasama Oromoon madaala uumamaa eeguun hariiroo waaqa waliin qabu ittiin tikfatu ta’uu hayyoonni waltajjicharratti hirmaatan.

Irreechi ayyaana galateeffannaafi kadhannaa abdii gara fuulduraa ta’uu ibsaniiru.

Araara, dhiifama, waloomaafi tokkummaan duudhaalee ayyaanichaa ta’uu eeranii, Irreechi garaagarummaa dhiphisuun sabaafi sablammoota biyyattii gaaddisa tokko jalatti fiduun ijaarsa biyyaa dhugoomsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan.

Irreechi ambaasaaddara Oromoofi biyyaa ta’uun maqaa biyyattii roga gaariin addunyaatti beeksisuurra darbee tuuristoota harkisuun madda diinagdee ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Irreechi dhiibbaa sirnoota garaagaraatiin irra gahaa ture dandamatee yeroo ammaa waltajjii hawaasni biyyatti itti wal baran, aadaasaanii itti calaqqisiisan ta’uu ibsan.

Dhuudhaaleefi safuusaa eeguun guddina biyyaaf oolchuun murteessaa ta’uu eeran.

Irreechi Uummata Oromoo biratti kan darbeef Galata kan dhufuuf Abdii, kan eenyummaa Oromoo addunyaatti mulisu, sabaafi sablammiilee walitti hidhu ta’uu Barsiisaan Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Mohammad Namoon.

Irreechi dirree nagaa,obbolummaa, walqixxummaati jedhan.

Tasfaayee Ijjiguu + BKO

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment