Finfinnee, Fulbaana 23, 2018 (FMC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ayyaana Irreechaa bara 2018 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Irreechi Hambaa Itiyoophiyaan Addunyaaf gumaachite isa guddaadha jedhe ergaa isaan.
Itiyoophiyaaan hambaalee kiliyaafi nam tolchee hedduu Addunyaaf gumaachiteetti.
Ayyaanota Uummataafi Amantaa barootaaf duudhaafi sona isaanii eeganii Uummataan kabajamaa turanis Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbata Saayinsii, Barnootaafi Aadaatti (UNESCO) qabeenya dhala namaa hunda jechuun akka galmeeffamu taasifameera.
Gara fulduraatti duudhaaleen sonoota galmeeffamuu danda’an adeemsa irra jiranis ni qabdi.
Ayyaanni Irreechaa Itiyoophiyaatti bakkoota garagaraatti Uummata Oromoo biratti Ayyaana galataa, araaraafi dhiifamaa ta’uun kan kabajamuudha.
Ayyaanni Irreecha Malkaa Waqtii bacaqiin Gannaa darbee misiraachoo bara haaraatti cehuuf kan ittiin Uumaa ofii galateeffataniifi uumaa waliin itti araaramaniidha jedhe ibsa kenneen.
Araarriifi dhiifammni galateeffannaa dursa.
kan wal dhabe araaraafi dhiifamaan bakka tokkotti Uumaa isaaf galata galcha.
Qabeenya duudhaa sona akkasii qabu kana Mootummaan keenya akka qabeenya Addunyaatti kunuunsa, ni eegas.
Kan eeggamuufis Ayyaanni kun duudhaa isaa eeggatee dhalootatti akka darbutti akka kabajamuufi beeksifamu gochuufi.
Ayyaana Irreechaa bara kanaa yeroo kabajnu, Uummattoonni Itiyoophiyaa hundi, keessattuu ummanni Oromoo milkaa’ina ijaarsa Hidha Guddicha Haaroomsa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan itti xumuran waan Ayyaana Irreechaa bara kanaa dachaa taasisa.
Dhiifamaan cehuun, waliin injifachuun, akkasumas waliin galateeffachuun duudhaa Itiyoophiyaanotaa waan ta’eef, duudhaa Irreechaa kan ta’an dhiifamaafi galatni immoo olka’iinsa Itiyoophiyaaf gahee guddaa kan qabudha.
Baga geessan! baga geenye! Ayyaanni Irreechaa kan gammachuu, araaraafi dhiifamaa isiniif haa ta’u!
Fulbaana, 2018
Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.