Finfinnee, Fulbaana 23, 2018 (FMC) – Irreechi, kuusaa sirnaafi falaasama jaarraawwan hulluuqee, labataa labatatti darbe baataa ayyaantummaafi qaroomina Oromooti jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Fooramii Irreechaa 7ffaan har’a Magaalaa Bishooftutti gaggeeffameera.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan fooramicharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Guyyaa har’aa Fooramii Irreechaa 7ffaa, Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamerratti yoon hirmaadhu miira milkii booqaa birraa ayyaanichaa waliini.
Fooramiin kun waggaa waggaadhaan simboofi surraa Ayyaana Irreechaatiif dabalataa taa’aa dhufeera.
Irreechi, kuusaa sirnaafi falaasama dilbii jaarraawwan hulluuqee, labataa labatatti darbe yoota’u, baataa ayyaantummaafi qaroomina Oromooti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Irreechi bara baraan kabajaafi ulfina ummata Oromoo madaaluun akka kabajamu, waa’ee Irreechaarratti qorannoofi qo’annoon akkasumas, mariin paanaalii akka dhiyaatuuf hojjachaa tureera. Fooramiin Irreechaa kunis, qaama sochii baldhaa Haaromsa Aadaa Oromoo taasifamaa jiruuti.
Ayyaanni Irreechaa, Ayyaana Oromoon gaariifi yaraa, rakkoofi baldhoo keessa hulluuqee booqaa birraatti bahe hundaaf galateeffachaa, kan dhufuuf ammoo abdii ittiin kudhaammatudha.
Ayyaana kun, Ayyaana galateeffannaa, araarafii dhiifamaa, ummanni Oromoo jaarraa hedduuf umama jiidhaa qabatee, Uumaa isaaf sirna galatoo dhiyeessaa hardha ittiin dhaqqabeedha.
Bara kana iddoon Irreecha hora Finfinneefi Harsadee haala addaan qopha’anii jiru. Sochiin kun imala addaa haaromsa aadaatiin, duudhafi safuun Oromoo dhokateefi dagatame akka mul’atuuf eegaleedha. Kana gochuun galmoota qabsoo Oromoo galmaan kan geenyudha.
Akkasumas boqonnaan qabsoo keenyaa yeroo murteessarratti kan argamu waan ta’eef milkaa’inoota murasaan dagannaa keessa osoo hingalin, galmoota gurguddoo qabsoo Oromoo ilaaluun akka sochoonu asumaan yaadachiisuun barbaada.
Dabalataanis, magaalaa Bishooftuu keessatti hojiileen misoomaa haala gaariin hojjetamaa kan jiran yoota’u, hojiileen misoomaa bakka hundatti raawwataman kamuu siidaa wareegamtoota qabsoo Oromooti. Carraa kanaan, imaanaa isaanii dhaallee, egeree caaluuf akka hojjannu isiniif dhaamaa, Ayyaana Irreechaa gaarii akka isiniif ta’un hawwa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.