Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC) – Irreechi Malkaa bakkeewwan adda addaatti akkaataa duudhaalee isaa eegeen kabajamuu itti fufeera.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleettii Irreechi Malkaa Giraar waggaa 147 booda haala duudhaa fi safuu isaa eegeen kabajameera.
Hawaasni aanichaa karaa miidhagaa ta’ee fi namuusa qabuun ayyaanicha kabajaniiru.
Aanaa Kuyyuufi Bulchiinsa Magaalaa Garba Gurraachaattis Ayyaanni Irreecha Bara 2018 haala duudhaa fi safuu isaa eeggaten magaalaa Garba Gurraachaa Malkaa Garba Gurraachaatti kabajameera.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaattis Ayyaanni Irreechaa Malkaa Bargaa karaa duudhaa ganamaa isaa eegeen bakka Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, qeerroofi qarreen, akkasumas hawaasni bal’aan argamanitti bifa miidhagaa ta’een kabajameera.
Akkasuma Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sadeen Sooddootti Irreechi Malkaa Kallachaa karaa aadaa fi duudhaa ummatichaa eegeen kabajameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.