Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaatti Irreechi Malkaa Sirxii haala duudhaa fi aadaa isaa eegeen kabajameera.
Ayyaanni Irreecha Malkaa Sirxiis bifa hoo’aan mata duree ‘Irreechi Olka’iinsa Biyyaaf’ jedhuun kabajame.
Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Sirxiirrattis Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Bulchaa aanaa Jiddaa obbo Fayyisaa Kennee, hoggantoonni godinaafi aanaalee, qeerroo fi qarreen , jiraattoonni aanichaa fi naannaawa ishee akkasumas keessummoonni garaa garaa argamaniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia