Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Yuutuubarri beekamaan Ishowspeed Itiyoophiyaa daawwachuun ija miiliyoonotaa addunyaa guutummaa irraa gara Finfinneetti hawwateera jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee
Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, daawwannichi aadaa keessummaa simachuu dur irraa kaasee turee fi ammas jiru fi miidhaginaa fi qulqullina magaalaa Finfinnee addunyyaatti kan mul’ise sagantaa milkaa’aa ture.
Maqaa sirri Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii akka tures dubbatanii, gara fuula duraattis namoota hedduu gara Finfinneetti akka hawwatu abdii qaban ibsaniiru.
Sagantaa kana dandeettiin kan gaggeessitan biyya jaalattoonni, dargaggoonni ciccimoo fi dhiibbaa uumtonni, dhaabbilee dhuunfaa akkasumas mootummaawaa Federaalaa fi Finfinnee galata guddatu isniif mala jechuun galateeffataniiru.
Keessattuu Ministeera Tuurizimii, koomishinii Tuurizimii Finfinnee, Biiroon koominukeeshinii Finfinnee, Intarteeymantii Yissaaqaal fi qaamonni qindoominaan hojjetan hunduu humna qindoominaa olaanaa fi miira jaalala biyyaaf mul’isaniif galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.