Isiraa’el Iraan irratti bal’inaan haleellaa bante

Finfinnee, Bitootessa 6, 2018(FMC) – Waraana geggeeffamaa jiruun Isiraa’el Lixa Iraanitti haleellaa bal’aa banuun ishee himameera.

Waraanni Isiraa’el akka beeksisetti, duulli kun bu’uuraalee misoomaa loltummaa Eegduu Warraaqsummaa Iraan irratti kan xiyyeeffatee dha.

Haaluma walfakkaatuun Iraan misaa’eloota hedduu gara Isiraa’el fi buufataalee waraanaa Ameerikaa Kuweet fi Iraaq keessa jiraniitti furguggisuun miidhaa akka geessiste BBC’n gabaaseera.

Iraan kaleessa irraa eegaltee biyyoota Ameerikaa fi Isiraa’el waliin michooma qaban jette irratti haleellaa raawwachaa kan jirtu yoo ta’u, Sa’uud Arabiyaa fi Imereetota Araboota Gamtoomanii dabalatee biyyoota naannawichaa shan irratti haleellaa misaa’elaa fi diroonii raawwatteetti.

Iraan misaa’eloota gara Isiraa’elitti furguggisuu ishee kan mirkaneesse Humni Waraanaa Isiraa’el, haleellaa kanaan namoonni lama miidhamaniiru jedheera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ”Iraan jaarsummaa barbaaddi, garuu yaada jaarsummaaf ta’u hinqabdu” jedhan.

Sulula Hoormuz bansiisuuf Ingilaandi dabalatee biyyoonni biroo humna galaanaa isaanii gara naannichaatti siqsuun duula Ameerikaatti akka makaman waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Milkiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment