Finfinnee, Fulbaana 29, 2018 (FMC) – Isiraa’elii fi Haamaas karoora nagaa boqonnaa jalqabaa dhukaasa dhaabuuf karaa saaqa jedhame jaarsummaa Pirezidaanti Tiraampiin dhiyaate irratti waliif galan.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Isiraa’elii fi Haamaas waraana Gaazaa keessatti geggeessan akka dhaabaniif karoora nagaa karoorfame boqonnaa jalqabaa irratti waliigaluu isaanii beeksisaniiru.
Waliigaltichi namoota Haamaasiin ukkkaamfamanii fudhataman gadi dhiisuu fi loltoonni Isiraa’el daangaa keessaa ba’uu akka ofi keessatti qabatu himameera.
Waliigalteen kun nagaa waaraa fiduuf tarkaanfii jalqabaati kan jedhan Pirezidaanti Tiraampi qaamoleen hundi karaa haqaan akka keessummeeffamanii fi waliigalteen boqonnaa jalqabaa hojiirra ooluu yoo jalqabu Gaazaan irra deebiin ijaarama jedhan.
Waliigaltee seenaqabeessaa fi kanaan dura kan irra hinga’amin kan jedhan Doonaaldi Tiraampi waliigalteen kun akka milkaa’uuf jaarsummaa kan hirmaatan Jaarsolii Qaataar, Ijiptii fi Turki galateeffataniiru.
Ministirri Muummee Isiraa’el Biiniyaamiin Nitaaniyaahuu waliigalticha raggaasisuu fi warra ukkaamfaman deebisiisuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Waliigaltichi Isiraa’eliif guyyaa guddaadha erga jedhanii booda, loltoonni Israa’elii fi Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi warra ukkaamfaman gadi dhiisisuuf sochii godhaniif galateeffataniiru.
Kaabineen Isiraa’el waliigalticha irratti sagalee akka kennuu fi fudhatama yoo argate Waraanni Isiraa’el sa’aatii 24 keessatti gara boodaatti akka deebi’uu fi warreen ukkaamfaman ammoo sa’aatii 72 keessatti gadi dhiifamuu akka eegalan ibsameera.
Haamaas gama isaan waraana Gaazaa dhaabsisuuf waliigaluu ibsa baaseen mirkaneessuun, Doonaaldi Tiraampi fi biyyoonni dhimmi ilaallatu Isiraa’el waliigalticha guutummaatti raawwachuu ishee akka mirkaneessan gaafateera.
Waliigaltichi waraana Gaazaa irratti geggeeffamu kan dhaabsisu, humnoonni Isiraa’el guutummaan guutuutti gadi dhiisanii ba’uu, gargaarsi namoomaa akka galuuf eeyyamuu fi hidhamtoota waljijjiiruun hojiirra akka oolu kan godhu ta’uu beeksiseera.
Walabummaa fi mirgi hiree ofii ofiin murteessuu hanga hin argamnetti mirgoota biyyaalessaa uummata keenyaa callisnee hingannu jechuun garichi ibsuu isaa BBC’n gabaaseera.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.