Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2018(FMC)-Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin Ispoortiin Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan.
Yaa’ii 20ffaan Mana Maree Ispoortii Oromiyaa mata duree “Ispoortiin olka’insa biyyaaf” jedhuun magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Obbo Awwaluu Abdiin waltajjicharratti, biyyi keenya roga hundaan aggaammii diinaa injifachuun olka’iinsarra jirti jedhan.
Ispoortiin biyyattii addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuus ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa aadde Roozaa Biyyaa gama isaaniin, Ispoortiin tokkummaa fi gootummaa keenya addunyaatti beeksisaa jira jedhan.
Guddina Ispoortii biyyattii dhugoomsuuf tumsa nama hundaa kan barbaadu ta’uus hubachiisaniiru.
Yaa’ii kana irratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.
Guutaa Owwaataatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.