Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Israa’eel Gaazaatti guyyoota 60’f dhukaasa dhaabuuf haala duree dandeessisan raawwachuuf waliigalte jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.
Ameerikaan waraanaa Gaazaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin hojjechaa jirti jedhan Pireezidaanti Tiraampi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Hamaas waliigalticha akka fudhatu abdiin qaba jedhan.
Hamaas yaadicha yoo hin fudhanne garuu rakkichi caalmaatti cimuu akka danda’u hubachiisan.
Israa’eel adeemsa dhukaasa dhaaburratti waliigaluu ishee mirkaneessuu baattus aanga’oonni Hamaas garuu waraanicha dhaabuuf ulaagaan guunnan waliigaluuf qophii ta’uu dubbachuu BBCn gabaaseera.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’eel Geeddiyoon Saa’ar gama isaaniin, gama mootummaan ugguramtoota gadi lakkisiisuuf fedhii olaanaan jiraachuu eeruun, carrichatti sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu kaasan.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.