Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) – Israa’elii fi Sooriyaan muddamaa gidduu isaanii jiruu fi waldhabdee naannawaa daangaatti mul’atu tasgabbeessuf marii eegaluu gabaafame.
Mariin kun naannawaa bahaa fi madaa barootaf biyyoota lamaan gidduu ture hambisuun hariiroo isaanii haaromsuuf boqonnaa murteessaa ta’uu himamuu ‘Reuters’ gabaaseera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi torbee lama dura daawwannaa Saa’ud Arabiyaati wayita taasisan Israa’eelii fi Sooriyaan hariiroo isaanii akka haaromsan gaafatanii turan.
Bulchiinsi isaanis Israa’eel haleellaa Sooriyaarratti raawwattu akka dhaabdu yaadachiisaa turuun kan yaadatamuudha.
Pireezidaantiin Sooriyaa Ahimad Al Shaaraan biyyi isaanii waldhabdee Israa’eel waliin qabdu furuuf al kallattiin marii taasisaa jiraachuu ibsanii turan.
#Oromia #Ethiopia