Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Itiyoo Teeleekoom buufata Chaarjessa saffisaa konkolaattoota Elektirikaa 3ffaa Magaalaa Finfinneetti ijaarsise hojii eegalchiiseera.
Hojii Raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Teeleekoom Fireehiwaat Taammiruun, buufatichi yeroo tokkotti konkolaattoota 16 chaarjessuu akka danda’u sagantaa eegalchiisa buufatichaarratti ergaa dabarsaniin dubbataniiru.
Kunis tajaajila si’ataa ta’e kennuuf qooda qabaachuu himan.
Waliigala buufataalee lamaan dursanii hojii eegalan dabalatee konkolaattoota 48 ta’aniif yeroo tokkotti tajaajila kennuuf dandeettiin horatamuu eeran.
Buufataaleen lamaan duraa Konkolaattoota kuma 100 fi kuma 65 oliif tajaajila kennaa jiraachuu kaasan.
Kunis Kaarboon Daayi oksaayidii gara naannawaatti gadi lakkiifamuuf ture kiiloo giraama miiliyoona 6 ol ittisuu ibsan.
Heenook Lammeetiin
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.