Finfinnee, Amajjii 27, 2018 (FMC) – Itiyoo-Telekoom, Jibuutii Telekoom fi Giruuppiin Sudaateel sarara faayibarii hooraayizan daangaa ce’aa diriirsuuf Jibuutiitti waliigaltee gam-sadee mallatteessaniiru.
Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun wayita kana waliigalteen kun diijitaala waloo egeree ijaaruuf dandeessisa jedhan.
Inisheetiiviin faayibarii hooraayizan kooriidarii koneektiiviitii dandeettii olaanaa qabuufi Afrikaa walitti hidhu uumuuf tarkaanfii murteessaa fudhatame ta’uus ibsaniiru.
Walitti hidhamiinsa naannawaa fi idil-addunyaa kan cimsuufi sarara lafarraa amansiisaa hojiirra kan oolchu ta’uus eeraniiru.
Pirojektichi tumsa biyyootaa kan cimsu, diinagdee kan jabeessuufi naannawicha dirree diijitaalaa idil-addunyaa keessatti seensa intarneetii amansiisaafi cimaa idil-addunyaa akka ta’u dandeessisa jedhan.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Jibuutii Telekoom Mahaammad Asoowwee Buhii gama isaaniin, pirojektiin hooraayizan mul’ata guddinaafi badhaadhina waloof qabnu bu’uura godhachuun naannawichatti bu’uuraalee misoomaafi walitti hidhamiinsa telekoomiif boqonnaa haaraa kan banudha jedhan.
Pirojektichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaarra darbee Afrikaatti tumsa kalaqaa oppireetaroota telekoomii gidduutti taasifamuuf ragaa ta’uu kan ibsan ammoo Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Sudaateel Maagdii Mohaammadi.
Waliigalteen kun bu’uuraalee misoomaa faayibarii optikaalaa dandeettii olaanaa qabu diriirsuufi walitti hidhamiinsa diijitaalaa naannawichaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan dandeessisu ta’uu Itiyoo-Telekoom Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.