Finfinnee, Hagayya 20, 2017(FMC)- Itiyoo- Telekoom bara baajataa kanatti lakkoofsa maamiltoota isaa miiliyoona 83 fi kuma 200 irraa gara miiliyoona 88’tti guddisuuf karoorse.
Dhaabbatichi tarsiimoo waggoottan sadan dhufaniifi karoora bara 2018 guyyaa har’aa beeksiseera.
Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun, tarsiimichi hojiilee tarsiimoo waggoota 10 biyyattii bu’uura godhatan hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsan.
Kana malees rakkoolee gabaafi saayibariin walqabatan furuuf kaayyeffatamee ifoomuu dubbatan.
Waggoottan sadan dhufanitti magaalotatti buufataalen kuma tokkoo fi 228, baadiyyaatti ammoo buufataalee 322 waliin kan gahan ta’uu eeruun, bara baajataa kanatti magaalota 10 keessatti neetwoorkii 5G waliingahuuf ni hojjetama jedhan.
Dhaabbatichi bara baajataa 2018’tti maamiltoota isaa miiliyoona 83 fi kuma 200 irraa gara miiliyoona 88’tti guddisuuf karoorsuu kaasaniiru.
Daddabarsa maallaqaa gama teeleebirriin tiriiliyoona 4.43 irraan gahuuf karoorfachuus kan himan Fireehiwoot Taammiruun, xumura bara baajataa 2018’tti galii biiliyoona 200 fi biiliyoona 35 fi miiliyoona 800 argachuuf karoorfachuus ibsaniiru.
Tarsiimoo waggoottan sadan dhufaniin neetoorkii haad-malee maamiltoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 12 fi kuma 400 keessummeessuu danda’u diriirsuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Sammahaanyi Nigaatuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.