Itiyoophiyaa 1 – 0 Keeniyaa

Finfinnee, Sadaasa 17, 2018 (FMC) – Gulaallii Waancaa biyyoota Bahaa fi Giddugaaleessa Afrikaa umrii waggaa 17 gadiin Itiyoophiyaan Keeniyaa injifatte.

Galchii Daawwiit Kaasaan galcheen Itiyoophiyaan galchii 1 fi 0’n Keeniyaa injifachuun ramaddii ‘A’ irraa sadarkaa 1ffaan xumurte.

Jeeddaloonni Diimtuun qabxii 10 walitti qabachuun ramaddii isaaniirraa olaantummaan golobaniiru.

Taphataan sarara fulduraa Daawwiit Kaasaan taphoota gulaallii 4 taphaterratti galchiiwwan 7 lakkoofsiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment