Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadi gita isaa Keeniyaa waliin qixa bahe.
Tapha gulaallii Waancaa Addunyaa dubartootaa umrii waggaa 20 gadii marsaa 2ffaa tapha jalqabaa har’a Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphatameen Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadi gita isaa Keeniyaa waliin galchii 1qixa baheera.
Taphattuun Keeniyaa Eelzaabeet Miideevaa Liwaanguun daqiiqaa 1′ irratti garee isheef galchii tokko yoo galchitu, Immush Daani’eel daqiiqaa 68′ irratti galchii tokko Itiyoophiyaaf galchiteerti.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.