Obbo Tamasgeen xurunaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, har’a Sagantaa Ifxaraa Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa qopheesse irratti argamneerra.
Baatii Ramadaanaa kan jaalalaa, waliif yaaduu fi gaarummaa ta’e Hoggantoota Olaanoo Mootummaa, Dippiloomaatoota, Hojjettoota Dhabbatichaa fi hordoftoota amantichaa waliin ta’uun sagantaa Ifxaraa gaggeessineerra jedhan.
Baatii Somaanaa kanatti jaalalaan waliin jiraachaa, biyyaa waloon dhalootaaf taatu ijaaraa, akkuma barame aadaa wal gargarsaa keenya eeguun, waliif qoodaa fi waliif yaada waliin dabarsuu qabna jechuun ibsaniiru.
ergamni Mootummaa Ida’amuu Itiyoophiyaa Amantaan, aadaa fi Sirni hundaa itti kabajamu ijaarudhas jedhan
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.