Finfinnee, Hagayya 5, 2017(FMC)- Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuun Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Eerviin Maasiingaa waliin mari’ataniiru.
marii isaaniin, daddabarsa maallaqaa daangaa ce’oo fi bittaa fi gurgurtaa seeraan alaa ittisuufi to’achuu akkaataa dandeessisurratti mari’ataniiru.
Haaluma kanaan karaa maallaqa ittiin daddabarsan irratti hordoffii taasifamu irratti tumsa cimsuufi daddabarsi maallaqaa kara faayinaansii idileen akka raawwataman mirkaneessuuf haalota dandeessisanirrattis marii bu’aa qabeessa gaggeessaniiru.
Itiyoophiyaatti Sochii Invastimantii caalmaatti fooyyeessuufis mari’achuu Baankichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.