Itiyoophiyaa fi Ameerikaan tumsa damee nageenyaan cimsanii itti fufu -Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinne,Waxabajjii 13 2017 (FMC)_ Itiyoophiyaa fi Ameerikaan tumsa damee nageenyaan qaban cimsanii itti fufu jedhan Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan jila Maariin Koor Ameerikaa fi Ajajaa AFRICOM, Jeneraal Maayikil Laangileey waliin mari’ataniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun, Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo dippiloomaasii waggaa 100 olii qabaachuu yaadachiisaniiru.

Biyyoonni michuu lameen fuulduratti damee Loltummaan tumsaan hojjechuu dhimmoota dandeessisanirratti waliigalteerra gahuu dubbataniiru.

Haala qabatamaa naannawicharratti hubannoon waloo kan uumame yoo ta’u keessattuu karra galaanaa fi dhimmoota nageenyaa Gaanfa Afrikaatti mul’atanirratti fayyadamummaa waloof walta’iinsaan hojjechuu haloota dandeessisanirratti waliigalaniiru.

Jeneraal Maayikiil gamasaaniin, Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi Naannawichatti biyya gahee olaanaa qabdudha jedhan.

Keessattuu Somaaliyaatti nageenya waaraa buusuufi shororkeessummaa ittisuuf tattaaffii taasisaa jirtu dinqisifataniiru.

Marichaan haala qabatamaa naannawichaa kan hubatan ta’uu eeruun, dhimmoota loltummaa fi nageenyaarratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii: www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment