Finfinnee, Sadaasa 11, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Rippaablikni Ajaarbaajaan damee Indaastirii raayyaan waloon hojjechuu akkaataa dandeessisurratti marii gaggeessaniiru.
Jilli Ministira Indaastirii Raayyaa Ittisaa Azaarbaajaan Vuugaar Musxaafaayin durfamu Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf guyyaa kaleessaa Finfinnee galeera.
Jillichi guyyaa har’aa Ministira Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammadiifi qondaaltoota olaanoo biroo waliin mari’ateera.
Marii isaaniin, Injiinar Ayishaan Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Indaastirii raayyaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirti jedhan.
Teeknooloojii loltummaa, dandeettii indaastirii fi dhimmoota biroon Azaarbaajaan irra muuxannoo qoddachuuf qophii ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan Azaarbaajaan waliin tumsa qabdu cimsuuf fedhii qabaachuus dubbataniiru.
Vuugaar Musxaafaay gamasaaniin, biyyi isaanii tumsa Itiyoophiyaa wajiin qabdu cimsuuf keessattuu damee Indaastirii raayyaaan muuxannoo qooduuf qophii ta’uu mirkaneessaaniiru.
Azaarbaajaan michuu Indaastirii raayyaa Itiyoophiyaa ta’uuf fedhii qabaachuus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.