Finfinnee, Onkoloolessa 8, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan fi Baankiin Investimentii Misooma Bu’uuraa Eshiyaa tumsa qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Ministeerri Maallaqaa Ahimad Shidee walga’ii waan Baankii Addunyaa fi IMF cinatti pirezidaantii itti aanaa baankichaa Ajaay Bushaan Paandii waliin mari’taniiru.
Tumsa Itiyoophiyaa fi Baankicha gidduu jiru baballisuun pirojeektota bu’uuraalee misoomaa fi qabeenya qilleensaa maallaqaa deggeruun haala itti danda’amu irratti mari’taniiru.
Ministirri Maalla1aa Ahimad Shidee, biyyoonni guddachaa jiran galama bu’uuraalee misoomaa fi qabeenya qilleensaa isaanii milkeessuuf akka danda’aniif Faayinaansii dabalataa bal’isuu akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.
Pirojeektii buufata xiyyaaraa idil addunyaa haaraa eegalame ilaalchisees ibsa wayitawaa kennuun pirojeektota annisaa ijoo Itiyoophiyaatti ijaaramaa jiraniifis deggersi baankichaa ga’ee guddaa akka qabu kaasaniiru.
Pirezidaantii Itti aanaan baankichaa gama isaaniin kutannoo cimaa Itiyoophiyaan gama fooyya’iinsa dinagdee fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaan argisiiste jajaniiru.
Baankichi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuu fi guddina hammataa fi ittifufaa deggeruuf qophii ta’uu isaa mirkaneessaniiru.
Maree kanaan Baankiin Inveestimeentii Bu’uraalee Misoomaa Eshiyaa pirojeektota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo kanneen akka geejjibaa, annisaafi dameelee biroo maallqaan deggeruuf waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.