Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota nageenyaarratti mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Ministeera Alaa Chaayinaatti Daayrektera Olaanaa tumsa nageenya idil addunyaa Ambaasaaddar Waangi Liisiin waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota shororkeessummaa fi nageenya naannawaarratti mari’ataniiru.

Hariiroon dippiloomaasii Chaayinaa fi Itiyoophiyaa gara tumsa Tarsiimowaa hundagaleessaatti guddachuu Komishinar Jeneraal Dammallaash ibsniiru.

‎Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomaanii 32ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa wagaga 96ffaa Dhaabbata Poolisii Idil Addunyaa Interpoolii qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamu milkeessuuf tumsaan kan hojjetan ta’uu marichaan ka’uu Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Shororkeessummaa fi Yakkoota daangaa ce’oo haala waliin ittisuun danda’amurrattis mari’achuu kaasan.

‎Dhaabbileen nageenyaa biyyoota lamaanii barnoota leenjii, ijaarsa humna namaa, ce’umsa teeknooloojii, deeggarsa meeshaalee fi muuxannoo waliif qooduun tumsa qaban cimsaanii itti fufu jedhan Ambaasaaddar Waangi Liisiiin.

Chaayinaan shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’oo ittisuuf dhaabbilee nageenyaa Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment