Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Chaayinaan galmoota misoomaa waloo ta’an irratti kan hundaa’e michummaa cimaa ijaaraniiru jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon xiimootiwoos.
Ministiroonni Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa hariiroon dippiloomaasii isaanii kan itti eegale waggaa 50ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isiin gahee dabarsaniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ergaa dabarsaniin, hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameen gidduu jiru walkabajuu, waqixxummaa fi galmoota misooma walooratti kan ijaaramedha jedhan.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan fayyadamumma waloorratti kan hundaa’e michummaa cimaa ijaaruu eeruun, Beejiingi misooma Itiyoophiyaaf keessattuu bu’uuraalee misoomaa fi damee indaastirii irratti gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yuu gama isaaniin, biyyoonni lameen michummaa waggoota dheeraa lakkoofsise qabaachuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo dippiloomaasii waggoota 55 lakkoofsiseen fakkeenya tumsaa fi wal deeggaruu akka ture dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.