Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC)-Itiyoophiyaa fi Hindi hariiroo Waggoota kuma lama lakkoofsise qabaachu baruulleen garaagaraa ni ibsu.
Jaarraa 19ffaa irraa eegale dhalattoonni Hindi filannoo bakka jireenyaa isaanii Itiyoophiyaa taasifachuu agarsiiftuwwan hedduu jiraachuun ni ibsama.
Wayita waraanni Addunyaa jalqabaafi lammaffaa gaggeeffamaa tureetti lammiileen Hindi heddu magaaloota Itiyoophiyaa adda addaa keessatti hojii dadalaarratti bobba’aa turaniiru.
Bara Faranjootaa 1948 Itiyoophiyaa fi Hindi gidduu hariiroon jiru gara dippiloomaasii idileetti kan ce’e yoo ta’u, bara faranjoota 1952 immoo hariiroon dippiloomaasii isaanii gara Sadarkaa Ambaasaaddaaratti guddisaniiru.
Wayita sanatti Barsiisoonni Hindi heddu Itiyoophiyaa dhufun manneen barnootaa garaagaraa keessatti barsiisaa turaniiru.
Tumsi barnootaa dhaloota lama irra ce’e kun damee barnootaan dandeettii barnootaa Itiyoophiyaa guddisuu kan dandeessise yoo ta’u, lammiileen Itiyoophiya hedduu barnoota isaanii Digrii lamaffaa fi sadaffaa Hinditti akka barataniif carraa kan uumee fi humna nama baratee guutuu keessatti gahee isaa bahateera.
Saboonni, Amantaaleen, Aadaan , teessumni lafaa Itiyoophiyaa fi Hindi walfakkaachuun dameelee garaagaraan akka wal tumsaniif deeggareera.
Kana malees tumsi hundagaleessaa biyyoonni lameen qaban damee Qonnaa, Invastimantii, Liiqii Salphaa, deeggarsa teeknikaa, teeknooloojii fi innoveeshiniirratti qaban guddachaa dhufeera.
Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Hindi damee diinagdee, siyaasaa fi hawaaasummaan fayyadamoo taasisuun waggoota 74 lakkoofsiseera.
Tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu yeroo garaagaraatti kan ibsite Hindi, hariiroo waggoottaniif itti fufe kun ammas kara fayyadamumma waloon mirkaneesseen itti fufeera.
Biyyoonni lameen misooma diinagdeen, walitti hidhamiinsa daldalaan, Invastimantii alaa fi dameelee garaagaraan hariiroo cimaa qabu.
Hindi Embaasii Magaalaa Finfinneetii qabdu akka haaraatti ijaaruufi babal’isuun tumsa qabdu cimsuuf ejjennoo qabdu agarsiifteetti.
Akkasumas Itiyoophiyaa fi Hindi damee loltummaan tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Kunis ijaarsa dandeettii, qorannoo fi qo’annoo Raayyaa, Indaastirii Raayyaa, Nageenya Saayibarii fi dhimmoota walfakkaatoo biroorratti tumsaan hojjechuuf dandeessisuurra darbee hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii caalmaatti kan guddisuudha.
Itiyoophiyaan diinagdee cimaa ijaaruun badhaadhina mirkaneessuuf riifoormii hojjechaa jirtu Hindi hammattoo BRICS’n deeggaruuf qophii ta’uu kana dura irra deddeebiin mirkaneessiteetti.
Rakkoolee hojiilee misoomaarratti mudatan furuuf beekumsa fi tarsimoon tumsaan hojjechuu fi misooma waaraa dhugoomsuuf Hindi Itiyoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu ibsiteetti.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.