Itiyoophiyaa fi Jibuutiin geejjiba oomishaalee galii fi alergii caalmaatti saffisisuuf…

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC)- ‎ Itiyoophiyaa fi Jibuutiin geejjiba oomishaalee galii fi alergii caalmaatti saffisisuuf tumsa hundaleessaa cimsanii itti fufsiisuuf murannoo qaban mirkaneessaniiru.

Jilli Hoggantoota Olaanoo Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti Gaafatamaa Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahin durfamu Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Jibuutii Abdulqaadiir Huseen waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin michummaa biyyoota lameen gidduu jiru dhimmoota caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Geejjiba oomishaalee galii fi alergii caalmaatti saffisisuuf walitti hidhamiinsa damee hedduu qaban cimsanii itti fufsiisuuf murannoo qaban mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Jilli Obbo Adam Faaraah durfamu Jibuutiitti daawwannaa hojii taasisaa jira,.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment